• Wed. Nov 25th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Noonnoo keessatti namni tokko ajjeefamuun sadii mada’uu fi loon torba garee finxaaleeyyii Amaaraan ajjeefamuun himame

Jun 18, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 17, 2024

Walta’iinsa daboo badii mootummaan gabroomfataa PP fi gareen finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon ijaaramanii Oromiyaa keessatti hawaasa Oromoo irratti gochaa jiran dhawataan dabalaa kan jiru, uummanni sochiin isaa ugguramuun, ajjeechaan jumlaa fi mancaatiin qabeenyaas irratti adeemaa jira 

Duulli Oromoo irratti adeemaa jiru tarkaanfii gara jabummaa mootummaa abbaa irree bilxiginnaan garee finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo ijaaruun taasisaa jiruun dheengadda jiraattota godina Lixa Shaggar aanaa Noonnoo ganda Biiftuu Jaalalaatti dhukaasa gareen Finxaaleeyyii Amaaraa mana cidhaa irratti bananiin namoonni 51 ol ajjeefamuun hedduun mada’uu gabaasnee akkuma turre, yeroo ammaas duulli badii kun itti fufuun jiraattonni ajjeefamuu fi qabeenyaan isaa dhumuun himame.

Waxabajji 16, 2024 halkan naannoo toora sa’a 7:00’tti aanaa Noonnoo ganda Jabbilaal Xiggiitti horiin torba garee finxaaleeyyii Amaaraan yoo dhuman, nama tokko ajjeesuun  namoota sadii madeesuun beekameera.

Hidhattoonni finxaaleeyyii kunneen bakka ka’umsaa isaanii ganda Imbooroo godhachuun yakka raawwachaa kan jiran yoo ta’u, kallattii ganda Gulufaa fi Manzee jedhamu keessatti of ijaaruun akka bobba’an jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply