ONM-ABO Waxabajjii 19, 2024
Lukkeeleen murna PP fi hirmaattonni qabsichaa gidiraa fi hiraarfama yoo goone impaayerattii hoogganuu dandeenya jedhanii kan tilmaaman yoo ta’u, caalaatti bulchiinsa afaan qawweetti amanuu irraan kan ka’es, ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi manneen qonnaan bultootaa gubuun qorqalbii hawaasichaa cabsuuf hojiilee badii hojjetan jabeessanii jiru.
Waraannii fi milishaan hojiilee badiitti of-kennummaan hojjetan godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Haroo Qumbaa jedhamutti torbee darbe keessa manneen qonnaan bultootaa keessaa meeshaalee adda addaa saamuun gara magaalaa onichaatti akka deebi’an jiraattonni ONM’tti himaniiru
Maqaan namoota waraana murna PP’n saamamees muraasni kan nu ga’e Bulaa Dabalaa, Biraanuu Firrisaa, Caalaa Moosisaa, Moosisaa Qajeelchaa, Baabbuu Abitawuu, Abdisaa fi Gaarumaa Tamasgeen ogguu ta’an, obbo Gaarumaa jalaa ammoo dabalataan konkolaataa uffata hodhu 5, huccuu hin hodhamin waliin saamuun deemaniiru.
Akeekaa fi adeemsa sirna bilxiginnaa irraas kan hubatamu gochaa badii raawwataniin uummata Oromoo siyaas-dinagdeen dadhabsiisuu, hawaasummaa keessaa baasuu fi hojiilee hundaarraa dhaabuun sirnichaaf jilbeenfatanii akka bulan taasisuudha jechuunis jiraattonni miidhaan isaan irra ga’e ONM’tti himaniiru.



