ONM-ABO Waxabajjii 20, 2024
Pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan Roobii kaleessaa yeroo lammaffaaf Pirezidaantii Afrikaa Kibbaa ta’uun Gamoo Gamtaa Afrikaa Kibbaa Piriitooriyaatti argamutti erga irbuu seenanii booda sochii qaamaa taasisan.
Siiriil Raamaafoosaan mootummaan isaanii haaraan paartiilee hedduu kan of keessaa qabuu fi haala jireenyaa bu’uuraa lammiilee hundaaf fooyyessuuf akka hojjetu Roobii kaleessaa irbuu galaniiru.
Kongireesiin biyyoolessaa Afrikaa Kibbaa filannoo Caamsaa 29 gaggeeffameen waggoota 30 diimokiraasii keessatti yeroo jalqabaaf sagalee caalmaa paarlaamaa dhabee booda paartilee biroo shan waliin aangoo qooddatee jira.
Filattoonni hundinuu nyaata gahaa, mana gaarii, bishaan qulqulluu, dhiyeessii ibsaa gatii madaalawaa fi addaan hin cinne, daandii haala gaariin eegamu, kunuunsa gaarii dhukkubsataa fi maanguddootaaf, manneen barnootaa qulqullina qabanii fi tajaajila bu’uuraa biroo akka qabaatu akka barbaadan dubbataniiru.
Raamaafoosaan har’a isin dhaga’ee akka hojjetaa keessaniitti gad of deebisee fuuldura keessan dhaabadheera jechuun haasaa godhe irratti dubbate.
Akkasumas yeroo kanatti gara fuulduraatti tarkaanfachuun, fageenya lammiilee Afrikaa Kibbaa gidduu jiru cufuu fi hawaasa walqixa ta’e ijaaruu filachuu qabna jedhan.
Ta’us Raamaafoosaan hanga ammaatti akkaataa mootummaa isaanii haaraa, miseensota gamtaa haaraa kanaa waliin mari’atamu hin beeksifne jechuun Rooyiters gabaaseera.



