ONM-ABO Waxabajjii 21, 2024
Cunqursaan hangamuu yoo hammaate, uummanni mormii murna abbaa irree irraa qabu dubbatachuu hin dhiisu. Sababa kanaanis sirni ajjeesuu fi hidhuun doorsisa godhus laaffatee kufuun isaa kan hin oolle ta’a
Namootni sirna saamaa fi ajjeesaa jala jiraatan yaada murnichi irratti taasisuuf haaraa ta’uu dhiisuu malu. Haa ta’uu malee, dhiibbaa jalaa ba’uuf qabsoo kan godhan yoo ta’u, qabsoo isaanii keessatti guyyuu aarsaan kaffalamu laayyoo miti.
Bifuma kanaanis murni bilxiginnaa qabsoo hawaasa Oromoo sakaluuf hojjetuu fi rakkoolee qindeessee guyyuu gadi kan ba’u yeroo ammaa godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti garee Waraana Bilisummaa Oromoo akka diiganiif qindeessee hojiitti bobbaasee akka jirus himameera.
Akka odeessi keessoo PP’tii ba’e addeessutti namoonni maqaan isaanii Mulgeetaa Baqqalaa hojiin isaa barsiisaa ta’e, Qanaatee Galataa hojjetaa waajjira bulchinsaa aanaa Giddaa Ayyaanaa fi kanneen biroo hedduun bobbaafamanii akka jiran himameera.
Bulchiinsi bilxiginnaa hawaasa Oromoo irratti rakkoo fi balaa kan geessisaa jiru ta’us, yeroo hundumaa adeemsi sirnichi waraana bilisummaa Oromoo fi uummata Oromoo addaan baasuuf hojjetu kan hin milkooofne ta’uu jiraattonni ONM’tti himaniiru.










