ONM-ABO Waxabajjii 21, 2024
Hoogganaa bilchaataa mul’ata qabu, hawaasa biratti hawwattummaa qabu, yaada mo’ataa qabuu fi hojiin isaa fagoorraa urgaa’ee mul’atu ta’uu dadhabuun bilxiginnaan yaada kufaa fi dadhabaa baatanii harka xurii fi dhiigaan faalamuun uummata biratti akka bulchiinsa abaaramaatti ilaalamanii uummata biraa sagalee dhabanis akkuma baran humnatti fayyadamuun waanuma nuti jenne godhaa jechuun waanjoo isaanii uummatatti jabeessaa jiru.
Yeroo ammaa bakkoota tokko tokkotti maqaa itti guutii filannoo jedhuun filannoo sobaa uummata bakka hin buune gaggeessuun aangoo uummataa ofii dhuunfachuun uummataa fi biyya ittiin hiraarsaa jira.
Qabeenya biyyattiin qabdu kan maqaa galii biyyaa jedhuun walitti qaban, lammileen cufti wal qixa itti tajaajilamuu osoo qabanii qabeenya dhuunfaa isaanii fakkeessuun yoo nu filattan malee xaa’oo hin argattan, daandii, mana barumsaa fi dhaabbilee tajaajila hawwaasummaa biroo hin argattan jechuun uummata doorsisuun waanuma baratamaa ta’eedha.
Yeroo ammaa kanas bulchiinsi koloneel Abiy Ahimed impaayerattii afaan qawweetiin of jalatti bulchuuf qawweetti abdatus diddaan fincila uummataa baay’ee itti hammaachuurraan kan ka’e hammeenyummaa guyyaa guyyaan dabalaa jira.
Akkuma kanaanis dheengadda Waxabajjii 19, 2024 Naannoo Haaraa Giddu-galeessa Itoophiyaa aanaa addaa Maaraqoo ganda Didaa Aliiboo jedhamu keessatti Bilxiginnaan filannoo guutii marsaa 2’ffaa achitti taasisuuf ture diddaa uummanni agarsiisaa jiruun tajaajila hawaasaa akka hin arganne taasisaa jiru.
Haa ta’u malee bulchiinsi gandichaa nama maqaan isaa Jabeessoo Kaasaa fi itti aanaa isaa kan ta’e Jadaa Xumeeboo kanneen jedhaman yeroo ammaa manneen hawaasaa irra deemuun filannoo marsaa 3’ffaa kanaaf yoo bilxiginnaa filattan malee xaa’oo hin argattan jedhee ifaan ifatti dubbachaa jiraachuu fi reebicha, hidhaa hanga ajjeechaatti naannichatti hammeessuu Arrata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Dabalataanis akka jiraattonni naannoo sanaa ONM’tti himanitti sabaa fi sablammoota biroo waliin ta’uun sirnicha ofirraa buqqifna malee xaa’oo isaa hin barbaannu uummata Oromoo biraan sagalee keenya nuuf ga’aa; miidiyaa dhugaaf dhaabatu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa sagalee nuuf haa ta’u jechuun yaada isaanii ibsataniiru.



