• Wed. Nov 25th, 2026

WBOn Godina Arsii Lixaa Aanaa Heeban Arsii keessatti waraana faashistii PP du’aa fi madoon adabe

Jun 22, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 22, 2024

Irree fi gachaanni sabaa WBOn godina Arsii Lixaa aanaa Heeban Arsiitti korommiiwwan Gaara Cilaaloo Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa waraana maafiyaa PP irratti Bobbaa Irbuu Shinniggaan tarkaanfii laalessaa har’a Waxabajjii 22 fudhateen du’aa fi madoon adabee foon alaattii sooreera.

Tarkaanfii guggubduu aanaa Heeban Arsii ganda Ambaa- Goda-Sadee iddoo addaa Mi’eessaa jedhamu keessatti ganama barraaqaan risaan gara Aluutoo loltoota murna nama nyaataa Abiy Ahimed irratti fudhateen loltoota 16 battalatti irraa ajjeessuun 22 madeesseera.

Kana malees rasaasa PKM saanduqaa tokko, hidhanno guutuu fi meeshaalee yaala fayyaa garaagaraa irraa booji’uun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jira.

#Bobbaan_Irbuu _Shinniggaa itti fufa ❗

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Leave a Reply