ONM-ABO Waxababajjii 22, 2024
Godina Iluu Abbaa Booraa ona Daarimuutti loltoonni impaayerichaa hawaasa hidhaan gochaa isaanii malee dararaa akka jiran beekameera.
Sababoota hin beekamne irratti kalaquun uummata onichaa dararaa kan jiru murni bilxiginnaa, ganda Waabeekoo jedhamu irraa Waxabajjii 18,2024 dargaggoo Habiib Umarii fi Ismaa’el Ittaanaa jedhaman yemmuu hidhan, Waxabajjii 20, 2024 immoo barataa kutaa 12’ffaa kan ta’e Kumarraa Habtaamuu kan jedhamu ukkaamsuun hidhanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Barataa kana malees namoonni hedduun aanicha keessatti ajjeechaa dhoksaa dabalatee gochoonni gara jabeenyaa loltoota sirnichaan raawwatamaa turuu jiraattotni ONM’tti himaa turuun isaanii kan yaadatamuudha.


