• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Lixa Harargee ona Doobbaatti murnoonni bilxiginnaa dargaggoo tokko ajjeesuun dhagaa’ame

Jun 23, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 22, 2024

Afaan dhadhaa godhee garaa dhagaa gochuun uummata Oromoo akka baalaatti gadi ciree firfirsaa kan jiru murni impaayera Itoophiyaa of harkaa qabu bilxiginnaan, godina Lixa Harargee ona Doobbaatti dargaggoo tokko ajjeesuun ibsame.

Guyyaa dheengaddaa jechuun gaafa Waxabajjii 20, 2024 ona Doobbaa araddaa Jaalalaa jedhamtu irraa obboleessa isaa barbaadanii erga dhabanii booda, “obboleessa keetu nu jalaa bade” jechuun dargaggoo maqaan isaa Abdii Mikaa’el jedhamu rifaatuu tokkollee osoo hin qabaatiniif Oromummaa isaa qofaaf loltoonni Abiy Ahimed rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattotni himan.

Reeffi dargaggoo kanaas hanga gabaasni kun qindaa’etti sababa loltoota sirnichaan kan hin awwaalamin ture ta’uu jiraattonni araddichaa itti dhiyeenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Murnoonni bilxiginnaa gochaa suukkaneessaa kana raawwatan milishoota maqaan isaanii:

  1. Muusaa Durrii,
  2. Abdallaa Nuuree,
  3. Abiraahim Hasan
  4. Abdallaa Ammee fi
  5. Abdallaa Mahaammad kanneen jedhaman dargaggoo kana ajjeesuu keessaa qooda qabaachuu dabaluun ibsan.

Kana malees doqdoqqeen onicha keessa akka hin sochoone dhorkuu isaanii itti dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply