ONM-ABO Waxabajjii 22, 2024
Nageenyi Oromiyaa keessaa boora’uun guyya guyyaan lubbuun dhala namaa darbuu kan rifachiise hawaasa Oromoo Washingitan DC mormiif daandiitti akka bahan taasisaa jiraachuu ibsan.
Biyya hambaa keessa ta’anii yeroo hunda du’a lammiilee dhaga’uun nu gaha kan jedhan hawaasni Oromoo kunneen, ajjeechaan akka dhaabbatu, nagaan akka bu’uuf mirgi lammiilee akka kabajamuuf sagalee dhageessifachuuf akka jiran ibsan.
Haala kanaan Waldaan Hawaasa Oromoo Washington DC ajjeechaa lammiilee nagaa Oromiyaa keessaa jiran irratti raawwatamaa jiru mormuuf waamicha hiriiraa taasisaa jiraachuu ibse.
Hiriirri ajjeechaa jumlaa lammiilee nagaa irratti raawwatamaa jiru mormu kun Waxabajjii 27 bara 2024 geggeeffama jedhame. Hiriirichi dhaadannoo ‘Ummata Oromoo Sagalee dhabeef sagalee haa taanu’ jedhuun kan adeemsifamu ta’uu Waldaan Hawaasa Oromoo Washington DC eere, dhalattoonni Oromoo fi quuqamtoonni mirga dhala namaa magaalattii fi naannawaa ishee jiraatan akka hirmaatan yaamicha taasiseera.
Haallli qophii hiriira balaaleffannaa murna abbaa irree Itoophiyaa kun yeroo tokkoon kan dhaabbatu osoo hin taane hanga Oromoon biyya isaa irratti abbaa biyyaa ta’uu fi sirni duguuggaa sanyii saba keenya irraa dhaabbatutti itti fufiinsaan kutaalee biyyoota hambaa garaagaraa keessatti kan raawwatamu ta’uu dubbatan.
Oromoon biyya hambaa garaagaraa jiraatan saba isaaniif quuqama qaban saba isaaniif sagalee ta’uuf qophii gaaraa garaas gochaa jiraachuu addeessan.
Yoo gamtooman kan bilisooman akkuma jedhamu Oromoon keessaa fi alaa tokkummaan qabsoo finiinsaa jiraachuun qabsoo bilisummaa Oromoo guyyaa guyyaatti dabalaa jiraachuu ifaa ifaatti agarsiisaa jiraachuun kan beekamu yoo ta’u, hayyootni Oromoo fi siyaastotni Oromoo yeroo addaa addaa hawaasni Oromoo tokkummaan ka’ee mirga isaa falmachuu qaba jechuun waamicha dhiyeesssaa turuun ni yaadatama.




