ONM-ABO Waxabajjii 23, 2024
Boombiin qajeelfama Raashiyaan gamoo mana jireenyaa magaalaa Yukireen guddittii lammaffaa Kaarkiiv keessatti argamu rukutee namoonni sadii du’uun 29 madeessuun prezidaant Volodymyr Zelenskyy michoota Kiiv irraa gargaarsa dabalataa akka gaafatan taasiseera.
Suuraaleen toora interneetii irratti maxxanfaman kutaaleen gamoo kanaa diigaman, foddaan isaanii caccabee, baarandaan caccabee fi caccabni isaa kaleessa lafa irratti faca’ee akka jiru agarsiisa.
Ministirri Biyya Keessaa Ihor Klymenko haleellaa walakkeessa waaree booda raawwatameen namootni sadii du’uu fi 29 madaa’uu ibsaniiru. Bulchaan naannichaa Oleh Syniehubov akka jedhanitti, namoota madaa’an keessaa daa’imman lama yoo ta’u, kanneen miidhaman keessaa 4 haala hamaa keessa jiru.
“Shororkeessummaa Raashiyaa karaa boombii qajeelfama qabuun Guided Bomb ) raawwatamu kun dhaabbachuu qaba, dhaabbachuus ni danda’a,” jechuun Zelenskyy Telegram irratti barreesse.
Shororkeessitoota Raashiyaa fi aviyeeshinii waraana Raashiyaa bakka jiranitti dhaabuuf nu dandeessisu murtee cimaa michoota keenya irraa barbaachisas jedhee jira.
Raashiyaan itti fayyadama boombii kanaa irratti hirkattee kan turte yoo ta’u, gatii xiqqaa kan qabu, fageenya irratti bu’uu fi fi humnoota isheetiif balaa xiqqaa kan qabuudha.
Kharkiv daangaa Raashiyaa irraa gara 30km (19 miles) fagaatti. Magaalattiin namoota gara miliyoona 1.3 qabdu kun yeroo waraanaa ji’oota 28’tti dhiyaatan keessatti Raashiyaan irratti xiyyeeffattee turte jechuun miidiyaaleen gabaasaniiru.















