ONM-ABO Waxabajjii 24, 2024
Safuu fi safeeffannaa kan hin beekne xiqqaa fi guddaa osoo adda hin baasin guyyaa guyyaan rasaasa itti roobsuun ilmaan Oromoo lafarraa duguugaa kan jiru waraanni impaayera Itoophiyaa, godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Horroo ganda Burqituu Oborraa jedhamutti loltoonni impaayerattii maanguddoo waggaa 70 ajjeesuun baramee jira.
Akka jiraattonni gandichaa jedhanitti, Waxabajjii 21, 2024 ganda Burqituu Oborraa jedhamu keessaa jaarsa umuriin isaanii waggaa 70 ta’ee fi nama maqaan isaa ‘Obbo Darajjee Warqinaa’ jedhamu “dirqamaan milishaa taata jechuun maanguddoo kana qabanii erga leenjisanii booda dhumarratti yommuu isaan “meeshaa fudhadhu ittiin jechuun dirqisiisan “meeshaa keessan hin fudhadhu” jedheen.
Waraanni faashistii PP yeroo inni didu reebichaan qaama dulloome keessa yommuu haleelan gaafa isaaf gamu dhagaa lafaa fudhatee poolisii humna addaa tokko waliin yeroo wal qabatu poolisoonni humna addaa hanga harki isaan dhukkubutti itti wal furuun reebicha hamaa irratti raawwachuun bakka namni hin arginetti ajjeesanii gatuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.



