ONM-ABO Waxabajjii 24, 2024
Waraanni bilxiginnaa yakka namoomaa Oromoo irratti godhuun itti gaafatama hin qabne, namni kamuu akka jaalalaan hin jiraanne, kabaja namummaa mulqee, heera uumaa ganamaa waaqni isaaf kenne dhorkachuun hanga bineensaa hanqisee ajjeesuu jabeesseera.
Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamiitti loltoonni koloneel Abiy Ahimed haadha tokko lamaan gudeeduuf yaalii taasisanii haadhi kun iyyitee hawaasa dammaqfachuun gara ajajaa isaanitti deemtee yoo himattu, furmaata homaa kan argatin hafte.
Haa ta’u malee murni kun yakka ofii isaa karoorsee waan hojjechiisuuf, loltoonni kunneen maaliif nu himatta jechuun boodarra deebi’anii ganda Qumbaabiitti Waxabajjii 22, 2024 haadha maqaan ishee Keeriyaa Sharibaa jedhamtu ganama irraa rasaasaan rukutuun ajjeesan.
Heerri Gadaa Oromoo dubartootaa fi daa’immaniif bakka olaanaa kan qabu ta’us, warreen lafa Oromoo irratti gooban bilxiginnaan nuti ijoollee abbaa Gadaati jechaa gochoota duudhaa saba Oromoo hin calaqqisiisne warreen sanyii mootii ofiin jedhan habashoota gammachiisuuf gara jabummaan raawwatu.
Sabni seera bulmaaata mataa isaatii tumatee, kalaandeerii mataa isaa kalaqee, qaroomina addunyaaf bu’uura buuse har’a garuu warreen olaantummaa siyaasaa of harkaa qabaniin gorraa’amee jumlaan dhumaa jiraachuutti gadda itti dhagaa’ame jiraattotni aanaa Gidaamii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

