• Wed. Nov 25th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaatti dargaggoon tokko waraana murna bilxiginnaan ajjeefame

Jun 25, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 24, 2024

Murni bilxiginnaa badii dalagee arraba isaa dhadhaa dibachuun fakkeessii kan hojjetu, namoota nagaa sobaan yakkuun ifaan adabbii du’aan impaayerattii keessatti adabaa kan jiru ajjeechaa guyyaa hundumaa raawwachaa jiruun baay’inni ilmaan Oromoo guyyaatti dhumaa jiranii dabalaa deemaa jira.

Bilxiginnaan dhugaa samii fi dachee haaluun, heera barreeffameenis faallaa socho’uun namoota ol- adeemoo abdii biyyaa ta’an ajjeesuun dachee Oromiyaa dhiigaan uffisee jira

Bifuma kanaanis Waxabajjii 22, 2024 Waraannii faashistii PP dargaggoo maqaan isaa Qeenqessee jedhamu kan umriin isaa ganna 22 ta’e godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Doochii jedhamuu qabuun guyyaa tokko of- bira bulchanii dararaa ulfaataa irratti taasisaa erga turanii booda gara ganda  Faargaasii jedhamutti geessuun ajjeesanii gatan.

Leave a Reply