ONM-ABO Waxabajjii 24, 2024
Namoonni qawwee qaban Dilbata kaleessaa Raashiyaa naannoo Kaaba Kaakaas Daagestan keessatti manneen amantaa fi mana sagadaa irratti haleellaa raawwachuun yoo xiqqaate poolisootaa fi eegdota biyyaalessaa saddeet fi luba tokko ajjeesuu isaanii qondaaltonni himaniiru.
Namoonni eenyummaan isaanii hin beekamne kun yeroo tokkotti magaalaa guddittii Daagestaan Makhachkalaa fi magaalaa qarqara galaanaa Derbent keessatti haleellaa raawwataniiru.
Koreen Qorannoo Raashiyaa naannoo Raashiyaa ollaa Cheecheniyaa keessatti Musliimonni baay’inaan keessa jiraatan Daagestaan keessatti ”gocha shororkeessummaa” irratti qorannoo yakkaa banuu ibseera.
Hoogganaan Dagestan, Sergei Melikov, Telegram irratti akkas jechuun barreesse: “Galgala kana Derbent fi Makhachkala keessatti namoonni hin beekamne (haleellaa raawwatan) haala hawaasa keessa jiru tasgabbii dhabsiisuuf yaalii godhaniiru” jedhee kaleessa barreesse.
Boodarra ammoo waraana Yukireen keessatti gaggeeffamaa jiru osoo hin ibsin, ”haleellaa shororkeessummaa kana duuba eenyu akka jiruu fi kaayyoo akkamii akka hordofan ni beekna,” jedhan.
“Waraanni mana keenyattis akka dhufu hubachuu qabna. Nutti dhagaa’ameera, har’a garuu nu mudateera,” jedhan.
Melikov akka jedhanitti, ”marsaan sochii qabu” hojiin Derbent fi Makhachkala keessatti hojjetamaa ture xumuramuu isaa fi ”baandotni ja’a qulqullaa’aniiru” jedhan.
Qondaaltonni Raashiyaa akka jedhanitti, poolisiin namoota qawwee qaban afur Makhachkalaatti, lama ammoo Derbent keessatti ajjeesee jira.
Hoogganaan Waldaa Ortodoksii Raashiyaa fi deeggaraa cimaa Kremlin kan ta’an Paatriyaark Kirill, ”diinni” Raashiyaa keessatti ”nagaa amantii gidduutti” balleessuuf barbaadaa akka jiru, eenyu akka itti gaafatamummaa fudhate osoo hin ibsine dubbatan.
Haleellaan kun ”manneen amantaa Ortodoksii lama, mana sagadaa fi buufata sakatta’iinsa poolisii” irratti kan xiyyeeffate ta’uu koreen farra shororkeessummaa biyyoolessaa ibsa dhaabbata oduu RIA Novosti’f kenneen ibseera.
Haleellaa kanaan qondaaltonni jaha ajjeefamanii 12 madaa’uu dubbi himtuun ministeera biyya keessaa Daagestan Gayana Gariyeva RIA Novosti’tti himuu Ajaansi Firaans Pirees gabaaseera.

