• Tue. Nov 24th, 2026

Baha Shaggar aanaa Booraa keessatti waraanni gabroomfataan PP nama nagaa tokko ajjeesuun bineensa nyaachisan

Jun 26, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 25, 2024

Bilxiginnaa irraa fedhii dhabuu uummata Oromoo hidhaa fi ajjeechaan duuba deebisuuf kan hojjetu sirni alagaa habashootaan durfamu  waraana kuma dhibbootaan Oromiyaatti bobbaasee jumlaan Oromiyaa keessatti namoota hiraarsuu jabeessee jira.

Dhalootaan godina Baha Shaggar aanaa Booraa kan ta’an obbo Faajjoo Boruu abbaa ijoollee sadiiti. Obbo Faajjoon hojii qonnaan nama jiraatuudha malee tuqtuqaa siyaasaa keessaa akka hin qabne kan himamu yoo ta’u, garuu waraanni gabroomfataan PP yeroo dheeraaf ajjeesuuf adamsaa akka turanis jiraattonni ni dubbatu.

Obbo Faajjoonis waraana isa ajjeesuuf guyyuu barbaadu jalaa dheessuun aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessa jiraachaa kan turan yoo ta’u, Waxabajji 19, 2024 magaalaa Maqiirraa loltoota PP’n qabamuun gara aanaa Booraatti akka geeffamanis ni himama.

Guyyaa sana waaree dura sa’a 6:00’tti kan qabaman obbo Faajjoon, aanaa Booraa ganda Abrigaagoodanaa ykn Baarsaasaamii jedhamutti galgala sa’a 2:00 irratti ajjeefamuun gataman.

Ilmi Oromoo waraana maafi’aa PP’n erga ajjeefamanii booda maanguddoonni deemuun reeffa nuuf kennaa jedhanii yeroo gaafatanis, abboota deemanii gaafatan ofirraa ari’uun awwalcha malee hambisanii bineensota nyaachisuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply