• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamiitti waraanni faashistii PP walitti dhukaasuun walirraa ajjeesan

Jun 26, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 25, 2024

Qabsoo bilisummaa sabaaf taasifamaa jirutti rakkoolee jiranii fi gara fuulduraa isa qunnaman irratti itti fufiinsaan qabsa’uun ijibbaata dhumarraa kan jiru waraanni bilisummaa Oromoo, gama biraan ammoo waraanicha balleessuuf murni bilxiginnaa guyyuu karoora baafatus hundee irraa wal amantaa, tokkummaa fi dantaan waloo waan hin jirreef waldhabdee yeroo yerootti  isaan gidduutti uumamaa jiruun bakkoota adda addaatti walirraa ajjeesuu itti fufaniiru.

Rakkoolee mooraa sirna PP keessatti sababa sanyummaan uumamaa jiruun mooraan sirnichaa raafamaa kan jiru godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii keessatti Waxabajji 22, 2024 waraanni raayyaa ittisa impaayerattii walitti dhukaasuun ajajaa dabalatee loltoota afurii ol walii isaanii irraa ajjeesuu fi hedduun madaa’uun ifoomeera.

Gartuun sirna alagaaf dalagu, miidhaa dinagdee qaqqabsiisuu, mirga siyaasaa Oromoo xiqqeessuuf guyyuu hojjetu, olaantummaa saba Amaaraa ol kaasuun lammiilee nagaatti harka ol fudhachuu bare, ilmaan Oromoo mooricha keessa jiran kanneen sabboonummaa qabanii fi miidhama sabaaf dubbatan, akkasumas gantoota sabaa fi finxaaleyyii gidduutti irra deddeebiin lolli ka’aa akka jirus ni himama.

Yeroo mooraan sirnichaa akkas raafamaa  jiru kanattis uummanni Oromoo ijaarsa dabaa impaayera Itoophiyaa kana diignee biyya nagaa fi badhaatuu ijaarrachuuf tokkummaan qabsoo hidhannoo Waraanni Bilisummaa Oromoo geggeessaa jiru jabeessuu qaba kan jedhan jiraattota aanaa Gidaamiiti.

Leave a Reply