• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Shaggar ona Ada’aa Bargaatti waraanni faashistii PP jiraattota hidhuu fi ajjeesuun achi buutee dhabamsiisaa jiraachuun ifoome

Jun 27, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 27, 2024

Turtii yeroo barcuma isaa dheereffachuuf jecha, “akkan si bulchetti bulta” yaada jedhuun ciqilee isaan uummata Oromoo irra dhaabbatee, gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne namoota nagaa irratti raawwachuun hawaasa Oromoo hunda garmalee dararaa hamaa irraan gahaa kan jiru waraanni impaayera Itoophiyaa, godina Lixa Shaggar ona Ada’aa Bargaatti jiraattota hidhuu fi ajjeesuu hammeessee  jiraachuun ibsameera.

Haaluma kanaan, loltoonni Abiy Ahimed leellisan ona Ada’aa Bargaa ganda Iluu Toosinyii jedhamu irraa namoota maqaan isaanii:

  1. Bagaashaa Kabbadaa,
  2. Galaanaa Hayiluu,
  3. Tasfaayee Heeyyii,
  4. Aadde Asmaruu Hurrisaa,
  5. Takilee Bayyanaa,
  6. Lammaa Birruu,
  7. Malkaa Tulluu,
  8. Obbo Baayisaa Tolaa,
  9. Obbo Asaffaa Kaasaa,
  10. Zarihuun Taaddasaa fi k.k.f badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf “WBO’f eeruu laattan” jechuun Waxabajjii 18, 2024 mana isaanii keessaa qabamuun waajjira poolisii onichaatti hidhamanii dararamaa jiraachuu fi hidhamtoota kana keessaa Obbo Baayisaa fi Obbo Asaffaan maanguddoota waggaa 70  ta’uu namoonni itti dhiyeenyaan beekan dubbatu.

Haaluma wal fakkaatuun, sirni Oromummaa hadheeffatee mormu kun ganda Dirree jedhamu irraa nama maqaan isaa Darajjee Araddaa jedhamu sababa tokko malee Oromummaa isaa qofaaf qabuun reebicha hamaa erga irraan gahanii booda mana hidhaa onichaatti darbachuu dabaluun ibsaniiru.

Kana malees, Waxabajjii 23,2024 ona Ada’aa Bargaa ganda Deebisaa jedhamu irraa nama maqaan isaa Bokonaa Lammaa jedhamuun beekamu badii tokko malee “WBO quba qabda waan ta’eef lafa isaan jiran nu geessi” jechuun waraanni faashistii Abiy Ahimed ukkaamsanii qabuun gara magaalaa onichaatti fuudhanii erga deemanii fuula uummataa duratti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii hallayyaatti gatuu jiraattonni gandichaa eeran.

Ji’oota tokkoo oliif hidhanii waajjira poolisii onichaatti dararaa turuun namoota maqaan isaanii Gammachuu Dirribaa fi Asnaaquu Magarsaa jedhaman achi buuteen isaanii dhabamuu jiraattonni dubbisuuf dhaqanii dhaban Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply