ONM-ABO Waxabajjii 26, 2024
Bilxiginnaan akkuma amma dura yakkoota jajjabaan hawaasa adabaa oolu, hundee aangoo isaa isa olaanaa namoota sirna isaa irratti fincilanii ajajamuufii didan hundaa sodaachisuu, hidhuu fi du’aan adabuu taasiseera.
Akeekni sirna PP uummata humnaan rukutee dhabamsiisuu fi sodaachisee jilbeenfachisuu kan jedhuun waraana isaa bobbaasee ajjeechaa raawwataa jiru jabeessuun Waxabajji 24, 2024 godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii gandoota sadii keessatti yakkoota hammeenyaa jiraattota irratti akka raawwatan himameera.
Dargaggoo umuriin isaa ganna 21 ta’e kan maqaan isaa Mohaammadxa’aa Fiqaaduu jedhamu ganda Giraayii Horootti galgala irraa naannoo sa’a 1:00’tti waraanni ajaja ajjeesuu qofaa fudhachuun bobbaafaman rasaasa itti roobsuun daandii gubbaatti gatanii deemuun barameera.
Dabalataanis ganda Giraayii Soonkaa irraa dargaggoo ganna 18 kan ta’e Hamzaa Taaddasaa barataa kutaa 9’ffaa fi ganda Giraayii Biishaa irraa Iddoosaa Baayyuu kan jedhamu kutaa 7’ffaa kan baratu Wiixatuma darbe reebicha waraanni gabroomfataan PP irratti taasiseen miidhaa qaamaa cimaaf saaxilamuun hospitaala akka jiran jiraattonni ONM’tti himan.

