ONM-ABO Waxabajjii 26, 2024
Hiriira cimaa yaada gibiraa haaraa mormuun geggeeffameen mormitoonni rasaasaan ajjeefamanii kutaan paarlaamaa Keeniyaa ibiddaan gubachuun isaa beekameera.
Tuutni aariidhaan guutame sarara poolisii cabsee kompileeksii paarlaamaa magaalaa guddoo Naayiroobii keessa jiru weeraruun daqiiqaa muraasa booda TV kallattiin mul’ateen aarri keessaa ka’uu ni agarsiisa.
Namoonni kumaatamaan lakkaa’aman daandii Naayiroobii irratti hiriira ba’anii daballii gibiraa balaaleffachuu isaaniitiin sa’atii hedduudhaaf poolisiin gaazii imimmaanessuu fi rasaasa laastikaa dhukaasaa ture.
Mormiin dargaggootaan durfamu kun torban darbe kan eegale yoo ta’u, amma bakkeewwan biyyattii birootti babal’ateera.
Waldaan ogeessota fayyaa Keeniyaa akka jedhetti poolisiin magaalaa Naayiroobii mormii yeroo dhiyoo Kibxata kaleessaa geggeeffameen yoo xiqqaate namoota shan rasaasaan akka ajjeesan himan.
Namoonni gara 40 ta’an hospitaalatti yaalamaa akka jiran himamaa jira.
Poolisiin hanga ammaatti lakkoofsa namoota miidhaman irratti yaada hin kennine.
Dhaabbanni mirga namoomaa tokko mormitoota afur rasaasaan rukutamuu argeera jechuuun, namni tokko ajjeefamuu ibseera.
Komiishiniin Mirga Namoomaa Keeniyaa ”gochaan akkanaa fudhatama kan hin qabnee fi sarbama mirga namoomaa hamaa ta’a,” jedheera.
Hiriira torban darbe gaggeeffameen yoo xiqqaate namoonni lama yoo du’an, dhibbaan kan lakkaa’aman ammoo madaa’aniiru jechuun BBC’n gabaaseera.




