ONM-ABO Waxabajjii 27, 2024
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii guggubduu Bobbaa Irbuu Shinniggaan waraana faarsitoota impaayera Minilik irratti fudhatu itti fufuun du’aa fi madoon adabee meeshaalee irraa hiikuun jiraas harkaan qabaa jira.
Akka kanaanis qaxaleewwan WBO Zoonii Kibbaa konyaa Gujii Lixaa Cibraan Gooroo Dugdaa tarkaanfii laleessaa waraana fashistii PP Abiy Ahimed irratti Waxabajjii 25, 2024 aanaa Dugda Daawwaa ganda Biyyoo Qundhii iddoo addaa Kuyyisuu Gola Iddoo jedhamutti irree gootummaa isaa agarsiisaa ooleera.
Waraana maafi’aa Abiy Ahimed kanneen uummata nagaa saamuuf maqaa sakattaa WBO’n godina Gujii Lixaa fi Boorana irraa walitti qabamtee dhufte irratti tarkaanfii fudhateen ajajaa poolisii godina Booranaa aanaa Elwayyee irraa dhufe nama maqaan isaa Waaqoo Guyyoo Waaqoo jedhamu dabalatee loltoota hedduu du’aa fi madoon adabeera.
Lola kanaanis gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo rasaasaan akaa’ee baaruudaan macheessuun dirree fi tabba argansiisee mooraa ganda Qundhiitti ol deebisuun achittis warreen mooraa turan waliin walitti reebee mooraa keessaa buqqisee adabbii du’aa fi madoo kenneefii dabalata meeshaa fi galaa irraa dhuunfateera.
- rasaasa PKM 1500
- meeshaa AKM 2
- uffata waraanaa 86 irraa hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Miseensa raayyaa ittisa impaayerattii tokkos jiraa harkaan qabuun injifannoo cululuqaa mooraa diinaa raasee milkii WBO’n irra jiru agarsiise galmeesseera.
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n tarkaanfii Bobbaa Irbuu Shinniggaan fudhatu itti fufuun Zoonii Lixaa aanaa Qondaalaa keessattis diina du’aa fi madoon adabuun yeellaasiseera.
Lola dheengadda Waxabajjii 25, 2024 aanaa Qondaalaa ganda Ambaalloo iddoo addaa Shonkoroo jedhamtutti taasifameen jajjabeen WBO waraana faashistii irraa battalatti 20 ajjeesuun 3 madeesseera.
Lolli wal fakkaataan godina Qellem Wallaggaa aanaa Yamaaloogii Walal ganda Daallee Saasii keessatti guyyuma dheengaddaa waraana faashistii PP irratti taasifameen adabni sirriin kennamaafii tureera.









