• Tue. Nov 24th, 2026

WBOn Zoonii Lixaa godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaatti diina adabe

Jun 27, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 25, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii Bobbaa Irbuu Shinniggaan fudhatu itti fufuun Zoonii Lixaa aanaa Qondaalaa keessatti diina du’aa fi madoon adabuun yeellaasiseera.

Lola kaleessa Waxabajjii 25 aanaa Qondaalaa ganda Ambaalloo iddoo addaa Shonkoroo jedhamtutti taasifameen jajjabeen WBO waraana faashistii irraa battalatti 20 ajjeesuun 3 madeesseera.

Lolli wal fakkaataan godina Qellem Wallaggaa aana Tajjoo Walal ganda Daallee Saasii keessatti guyyuma kaleessa waraana faashistii PP adabaa ooleera.

Bobbaan_Irbuu_Shinniggaa itti fufa ❗

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Leave a Reply