ONM-ABO Waxabajjii 28, 2024
Guyyaan isaa Waxabajjii 26, 2024 yoo ta’u, maqaa WBO balleessina jedhuun loltoonni humna addaa Oromiyaa jedhamanii fi uummata Amaaraa meeshaa hidhachifamanii WBO of irraa eegaa jedhamuun qubsiifaman waliin wal makuun lafa WBO’n jira jedhame loluuf walii galanii Lixa Harargee aanaa Hancaar araddaa 14 fi 15 ganda Qoreettii iddoo jedhamutti WBO waliin ganamaa eegalee hanga sa’a torbaatti lolli jajjabaan geggeeffamaa oole.
Lola kana irratti du’aa fi wareegama hedduu kaffaluun warri humna addaa Oromiyaa ofiin jedhanii fi finxaaleyyiin Amaaraa kunneen madoo fi du’aa isaanii guurrachuun of booda akka deebi’an jiraataan gandicha irraa maqaan isaa akka eeramu hin feene tokko ONM’tti hime.
Erga of duuba deebi’anii boodas waan isaan irratti wal dhaban beekuu baatus gareen wal qoodanii lola marsaa lammaffaa walii isaaniitii akka walitti jalqaban dubbata.
Lola sana keessatti hidhattootni saba Amaaraa ta’an kunneen warreen humna addaa Oromiyaa ofiin jedhan afur irraa ajjeesuun meeshaa isaaniis irraa hiikkachuun gariin ari’anii bakkichaa balleessuu dubbata.
Isaan booda manneen hawaasaa naannawaa sana jiru guutummaatti jalaa gubuun barbadeessanii hawaasa gandichaas buqqisuu jiraataan kun dabaluun ibseera.
Akka jiraataan kun jedhetti biyya waggoota hedduuf keessatti kabajamnee jaalalaan jiraachaa turre keessatti har’a kara deemtotaan lafa keenya irraa buqqaanee manni keenya gubachuun isaa salphina akka sabaatti fayyuu hin dandeenyeedha jechuun miira aariin hime.
Alagaa nurratti meeshaa hidhachisanii qe’ee keenya weerarsiisuu caalaa tuffiin kana caalu hin jiru kan jedhu ilmi Oromoo kun, uummanni Oromoo gochoota warra gumaatiin nurratti raawwatame kana callisnee bira darbina taanaan boru tokko tokkoon mana keenya keessatti qalamuuf teenya jechuun, uummatni waliif birmatee roorroo manatti itti dhufte akka qolatu dhaammateera.


