• Tue. Nov 24th, 2026

WBOn Zoonii Kibbaa godina Booranaa aanaa Areeroo keessatti diina du’aa fi madoon adabe

Jun 28, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 27, 2024

Irree fi gaachanni ummaata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa Bobbaa Irbuu Shinniggaan godina Booraana Aanaa Areeroo Iddoo Addaa Daawaa Riqqichaa jedhamutti Cibraan Madda Albuudaa fi Cibraan Mataa Gafarsaa waliin ta’uun humna gooleessituu waraana Abiy Ahimed kan Gaamoo Xoor jedhamu guyyaa har’aa Waxabajjii 27 ganama sa’atii 12:00 kaasee haleellaa irratti raawwataniin miidhaan guddaan irra ga’eera.

Tarkaanfii jajjabaa kanaanis reeffii waraana faashistii PP laga Daawaatti kan gatamte yoo ta’u madoonis hedduu dha.

Waraanni faashistii PP reeffa filatee fudhatee fi madoon konkolaataa Isuzu 5, paatiroolii 3n gara magaalaa Darmeetti deemeera.

Loltootni Gaamoo Xoor kun yeroo darbes WBO humna furgaatuu Soddom Booroon rukutamtee turte.

Haa ta’u malee albuuda fi warqee Oromoo naannoo Shaxii fi bakkoota hojii dalagamuu irratti bobbaatee abbootii qabenyaa kan diinaa wajjin ta’un hojii kotorobaandiitti akka jiran barameera.

Guutuu gabaasa kanaaf walitti deebina ❗

Bobbaan_Irbuu_Shinniggaa itti fifa ❗

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Leave a Reply