• Tue. Nov 24th, 2026

WBOn Zoonii Kibbaa Gujii Lixaatti waraana faashistii PP 15 ol du’aan adabe

Jun 28, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 28, 2024

Irree fi gaachana ummata Oromoo kan ta’ee WBOn dirree waraana Zoonii Kibbaa godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa ganda Boorree jedhamtutti waraana maafiyaa Abiy Ahimed irratti har’a ganama sa’a 1:00 irraa eegalee hanga sa’a 4:00tti tarkaanffi laaleessaa irratti fudhachuun watwaachiisa ooleera.

Tarkaanfii Bobbaa Irbuu Shinniggaa bifa haaraan geggeeffamaa jiru kanaan aanaa Galaanaatti loltoota PP 15 ol du’aan yemmu adabu, 9 immoo madoo dandammii hin qabnen geggeesseera.

Tarkaanfii kanaanis diina baaragsuun olii fi gadi ari’ee baqachiisuun haamilee lolaaf isheen qabdu cabseera.

Bobbaan_Irbuu_Shinniggaa itti fufa ❗

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Leave a Reply