ONM-ABO Waxabajjii 29, 2024
Paarlaamaan Arjentiinaa Jimaata kaleessaa pirezidaantii ummatni jaallatu Jaavier Milei injifannoo seera baasummaa isaanii isa jalqabaa dabarsee kenneef. Falmii ji’ootaaf taasifame booda paakeejii haaromsa dinagdee isaanii raggaasiseera.
Hoogganaan garee biyya bulchaa jiru Gabri’eel Bornorooniin haasawa cufiinsaa taasisaniin, “Mootummaan Pirezidaantii Milei’f meeshaalee al tokkoof bara baraan mootummaa haaromsuuf gargaaran kennuuf jirra” jedhan.
Mileeyi paakeejiin kun osoo hin fudhatamin durallee baga gammaddan jechuu kan jalqabe yoo ta’u, “seenaa Arjentiinaa qofa keessatti osoo hin taane, seenaa dhala namaa keessatti sirreeffama faayinaansii guddaa” jechuun jajate.
Mootummaan isaanii sagantaa qusannaa faayinaansii cimaa, hunda galeessa ta’e hojiirra oolcha. Kaayyoon isaas dhuma bara 2024’tti “hanqina baajata zeeroo” galmaan ga’uun qaala’iinsa jireenyaa yeroo dheeraa tasgabbeessuu danda’a jedhan.
Garuu hojiin mootummaa laamsha’uu dabalatee baajata hir’isuun, Muddee keessa gatii peesoo walakkaa ol gara jabummaadhaan gadi bu’uu waliin walqabatee humna bittaa ukkaamseera.
Siyaasa ibsaa magariisaa Jimaata kaleessaa ”mootummaaf milkaa’ina guutuu” jechuudha, jechuun saayintistiin siyaasaa fi ogeessi dinagdee Paabloo Tigaanii AFP’tti himaniiru.
Garuu gama dinagdeetiin, “imaammata bara 1990’mootaatti deebi’uu ta’a jechuun, kunis seeraan ala gochuu, dhuunfaatti dabarsuu fi dinagdeen haalduree tokko malee banamuu isaati jedhu. Kunis industirii fi dhaabbilee xixiqqaa fi giddu galeessaa biyyoolessaa irratti dha’icha guddaa ta’a jedhan jechuun gabaasa AFP’n Arjentiinaa irraa argate France 24 gabaaseera.

