• Mon. Jun 8th, 2026

Humni Deggersa Saffisaa Sudaan al-Jazirah keessatti ajjeechaa murtii malee doktoroota dabalatee raawwateen himatame

Jun 30, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 30, 2024

Gareen siiviilii kutaa Al-Hasaheisa, Al Jazirah, Humni Deeggarsa Saffisaa (RSF) ajjeechaa seeraa alaa ogeessa fayyaa beekamaa dabalate raawwate jechuun himatan.

Muddee darbe magaalaa guddoo naannichaa Wad Madani to’annoo jala kan oolche RSF, naannichatti dhiittaa mirga namoomaa bal’inaan raawwatameen himatamaa ture.

Akka Sudaan Doctors Network jedhutti, Humni Deggersaa Sudaan RSF daayreektara Hospitaala Al-Hasaheisa Dr Faaruq Yaayyaa Mohamed Abdel Rahim Kamisa darbe maatii isaanii fuulduratti ajjeesaniiru.

Neetworkichi ajjeechaa kana “yakka fokkisaa” fi qaama “imaammata ajjeechaa sirnaa” hojjettoota yaalaa fi namoota nagaa irratti xiyyeeffate jechuun balaaleffate.

Koreen mormii Al-Hasaheisa taatee kana kan mirkaneessan yoo ta’u, ogeessi qoricha sammuu namaa hadoochuu Dr Yaayyaan, osoo gara Al-Manakil imalaa jiruu ajjeefamuu ibsaniiru.

Akkasumas RSF dargaggeessa Fariid Nuureddiin jedhamu kan reeffi isaa naannoo Al-Tayiiif jedhamutti argame ajjeese jechuun himatan.

Taateewwan yeroo dhiyoo kunniin jeequmsi fi dhiittaan mirga namoomaa dabalaa dhufe kan mul’isan yoo ta’u, kutaan biyyaa Al Jaziraa kan ji’oota hedduudhaaf to’annoo RSF jala turteedha.

Humni Deggersaa Sudaan naannichatti argamuun isaa guutuu naannichaa keessatti qunnamtii fi interneetiin akka malee addaan cituu fi jiraattota daran adda baasuun akkasumas yaa’iinsa odeeffannoo gufachiiseera.

Waraanni Sudaan naannoolee Dhihaa lama irratti to’annoo kan qabu yoo ta’u, RSF’n harka caalu naannichatti to’annoo qabu yaaddoo nageenyaa fi tasgabbii namoota nagaa irratti bobba’uu itti fufanii jiraachuu Sudan Tribune gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading