ONM-ABO Waxabajjii 29, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa Bobbaa Irbuu Shinniggaan fudhatu itti fufuun kaleessa Waxabajjii 28 galgala godina Kaaba Shaggar aanaa Ucaalee magaalaa Caancoo keessatti waraana faashistii PP irratti fudhateen hedduu du’aa fi madoon adabuun injifannoo boonsaa galmeesseera.
Tarkaanfii magaalaa Caancoo bakka addaa Iddii jedhamtu fageenya 32km Finfinnee irraa qabdu irratti fudhateen qawwee AKM 5 fi SKS 1 dugda waraana koloneel Abiy Ahimed irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Bobbaan_Irbuu_Shinniggaa itti fufa ❗
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

