ONM-ABO Waxabajjii 30, 2024
Murni maafi’aa PP uummata qabachuu irra akka isaaf ta’utti cafaqee bulchuuf fedhii qabu irraan kan ka’e hidhaa fi ajjeechaa guutummaa impaayerattii keessatti yoo baay’isu, addatti ammoo ilmaan Oromoo irratti jabeessee jira.
Haala kanaanis Qellem Wallaggaa ona Gidaamiitti dararaa hawaasni Oromoo keessa jiru gabaasaa akkuma turre, rakkoon sabicha irraa dhaabbachuu hanqachuun torban darbee qabee gandoota baadiyyaatti saamichaa fi hidhaan jiraattota irratti hammaatee jiraachuun ganda Coomman Kallaa fi ganda Alshaa Jiiloo irraa namootni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko ibsaniiru.
Ganda Alshaa Jiiloo keessaa Obbo Luucoo Beekaa jalaa sangoota afurii fi saawwa dhaltii 2 oooffachuun yoo deeman, namoota maqaan isaanii Roomaanee Malataa, Galataa Magarsaa, Seenaa Immiruu fi Dabalaa Dheeressaa kanneen jedhaman ammoo Coomman Kallaa irraa qabuun hidhuu ibsan.
Aadde Roomaanee jalaa Roottoo bishaanii tokkos jalaa fuudhanii akka deeman yoo himamu, namni gochaa kana gochisiisaa jiru ammoo Obbo Hiisaa Sintaayyoo nama jedhamu akka ta’e beekameera

