• Tue. Mar 10th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Dhidheessaa keessaa uummanni Oromoo Baha Oromiyaa rakkoo impaayerittiin itti dhalchiteen qubsiifamanii jiran rakkoo hammaataa keessa jiraachuu ONM’f himan

Jul 5, 2024

ONM-ABO Adoolessa 2, 2024

Sirni garboomsaan, dhiiga dhangalaasee dhugu bulguun impaayera Itoophiyaa, bu’aa siyaasaa barbaaduun aangoorra bubbuluuf sabaa f sablammoota walitti naquu, biyyoota ollaa walitti baasuu, lammii isaa hiraarsuu fi gadadoo jireenyaatti uummata waxalee rakkoo hamtuu raawwachaa jira.

Bara 2004 Godina Buunnoo Beddellee aanaa Dhidheessaa uummanni Oromoo Baha Oromiyaa irraa achi qubsiifamanii turan, hanga har’aatti mana keessa jiraatan dhabuun teendaa jala bulaa jiraachuu fi achirraa fidanii qubachiisuu malee jireenya isaanii borii akka fooyyeffataniif waanti tokkollee osoo hin yaadaminiif rakkoo keessa jiru.

Lafa qonnaas ta’e daldalachuuf ykn biqilaa dhabbachuuf haalli mijataan kan hin uumamnee fi hanga har’aa hedduu rakkachaa jiraachuu dubbatu.

Uummanni godinoota Harargee lamaan keessaa buqqifamanii qubatan kun rakkoo hamaa keessa galanii jiraachuun aanaan Dhidheessaa gandoota 32 qabdu keessaa gandi shan qubattoota yoo ta’an, waan nyaatanii bulan kan hin qabnee fi dhukkuba addaa addaaf saaxilamuun torbee darbe keessa namoonni 15 ol du’anii jiru.

Gandootni akka  Burqaa Jaalalaa, Madda Misoomaa, Dagaagaa, Cingii fi Ganda Cirrachaa jiraachuuf wabii kan hin qabne ta’uu fi du’a eeggachaa jirra jechuun yaada isaanii ONM’f himan.

Rakkoo uummataa kanaaf sirni abbaa irree maqaa Oromoon aangoo irra jiru fala kan hin keenyee fi uummanni kun bara 2017 bakkuma teendaa jala qubatanii jiran irraas finxaaleyyoonni Amaaraa buqqisuun gara Magaalaa Dhidheessa Dambiitti  dheessuun marsaa lammaffaa kan qubatan yoo ta’u 2017 dhaabbanni gargaarsaa, tumsa gochuuf yaalus hin barbaachisu jechuun waraana bulchitoota yeroo sanaan irraa dhorkamuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading