ONM-ABO Adoolessa 2, 2024
Pirezidaantiin Mooriitaaniyaa amma aangoo irra jiran Mohaammad Ould Ghazouani sagalee %56.12 argachuun yoo injifatan, qabsaa’aan mirga namoomaa Biram Ould Dah Abeid ammoo %22.10 argachuun lammaffaa ta’uu Komishiniin Filannoo Walabaa Biyyaalessaa Wiixata ganama beeksise.
Hoogganaan paartii mormituu Islaamummaa National Rally for Reform and Development kan ta’an Hamadi Ould Sidi el Moctar sagalee %12.76 argachuun sadarkaa sadaffaa argachuu isaanii abbaan taayitaa filannoo kun kan beeksise yoo ta’u, filannoo pirezidaantii Sanbata darbe gaggeeffameef lakkaa’uun xumurameera.
Abbaa seeraa mormitootaa fi miseensa paarlaamaa kan ta’an El-Aid Ould Mohamedan sagalee %3.57 argachuun sadarkaa 4ffaa yoo ta’u, nama siyaasaa Mamadou Boukari %2.39 fi hogganaan mormituu Atouma Soumare %2.06n itti aanee jiru. Inspeektariin faayinaansii Mohamed Lemine El Mourtaji El Wafi sagalee %1 qofa argateera.
Lammiileen Mooriitaaniyaa Sanbata darbe kaadhimamaa torba keessaa kan fedhaniif sagalee kennuun pirezidaantii haaraa filataniiru. Akka lakkoofsa abbaa taayitaa filannootti, biyyi Kaaba Afrikaa kun ummata tilmaamaan miliyoona 4.5 keessaa filattota galmaa’an miiliyoona 1.9 kan qabdu yoo ta’u, hirmaannaan %55.39 qabu.
Dilbata galgala kaadhimamaa mormituu Dah Abeid bu’aa filannoo kana fudhachuu diduun, ”fonqolcha filannoo” jechuun waame.
Haala kanaan walqabatee Ministeerri Biyya Keessaa Mooriitaaniyaa Wiixata ganama humnoonni nageenyaa isaanii bu’aan filannoo labsamuu hordofuun ”jeequmsa” ka’e akka dhaamsan beeksiseera.
Biyyi kaaba Afrikaa kun bara 1978 fi 2008 gidduutti fonqolcha mootummaa hedduun kan mudateen yoo ta’u, bara 1960 Faransaay irraa walabummaa erga argatte booda bara 2019 pirezidaantota filataman gidduutti aangoon nagaadhaan walitti dabarfame kan jalqabaa ta’uun ibsameera jechuun Anaadooluun gabaaseera.





