• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Harargee ona Malkaa Ballootti ergamtootni bilxiginnaa uummata hidhuu, reebuu fi saamicha itti fufan

Jul 6, 2024

ONM-ABO Adoolessa 3, 2024

Lukkeelee fi ergamtoonni sirnichaa addatti uummata Oromoo dararuuf godinaalee Oromiyaa adda addaa irratti ajaja Kolonel Abiy Ahimediin bobbaafaman dararaa hamaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiraachuun kan beekamu yommuu ta’u, godina Baha Harargee ona Malkaa Ballootti caasaan bilxiginnaa jiraattota hidhuu, reebuu fi saamuu cimsanii itti fufuun himameera.

Ona Malkaa Balloo araddaa Firii Qabsoo jedhamutti milishaan PP maqaan isaa Ibsaa Jamaal Adam jedhamu qotee bulaa maqaan isaa Caalaa Mahaammad Abdullaa jedhamu “gibira kaffaluu didde” jechuun reebicha hamaa irratti geggeessuun erga hidheen booda matta’aa qarshii kuma lama irraa fudhatee gadi dhiisuu isaa namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.

Kana malees, ganduma kana keessaa maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti kaasuun haala ittiin maallaqa uummata saaman kalaquun “maallaqa daandii ittiin hojjennu” jedhanii nama tokko irraa qarshii kuma shan shan dirqiin irraa guuraa kan jiran ta’uu fi namoota harka qalleessa waan kaffalan of harkaa dhaban immoo reebicha qaama laalessu irratti raawwachuun hidhaatti guuraa jiraachuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Leave a Reply