• Thu. Sep 24th, 2026

Godina Lixa  Harargee aanaa Hawwii Guddinaa jedhamutti saamichi maallaqaa fi lafaa waraana faashistii PP’n jiraattota irratti raawwate

Jul 6, 2024

ONM-ABO Adoolessa 3, 2024

Godina Lixa Harargee aanaa Hawwii Guddinaa ganda Buraayyuu jedhamutti ergamtootni faashistii PP jiraattota irratti saamicha hammeessanii jiraachuun kan himame yoo ta’u, maqaa tumsa raayyaa ittisa impaayeerattii jedhuun nama tokkorraa qarshii 3000-5000 saamaa akka jiran ibsaniiru.

Saamicha maallaqaan cinaatti bulchitootni sirnichaa namoota hidhuun qabeenyaa isaanii lafa qonnaan bultoota saamaa jiru.  Nama maqaan isaa obbo Feeyisaal jedhamu jalaa lafa hektaara saddet jalaa fuudhuun namoota isaaniitti gurgurachaa akka jiran beekameera.

Hanga gabaasni kun qindaayetti obbo Feeyisaal jalaa lafti hektaarri sadii abboota qabeenyaatti bulchitoota aanaan gurguramee kan jiru ogguu ta’u, itti aanaan bulchaa aanaa hanga ammaatti lafa hektaara 5 harka isaa galfatee jiraachuu dubbatu.

Obbo Feeyisaal mana murtiittis akka himate jiraattonni kun himuun, qaamoleen sirnichaa wal ta’uun maallaqa wal nyaachisanii dhugaa isaa akka dhoksanis ONM’tti himaniiru.

Dabalataanis manneen jiraattotaa waraana maafi’aa PP’n heyyama hin qabdan, dhoksaan halkan ijaartan maqaa jedhuun kanneen diigamaa jiran hedduu yoo ta’u, maatii hedduun ilmaan isaanii waliin jiruu godaansaaf saaxilamaa akka jiran beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading