ONM-ABO Adoolessa 4, 2024
Godina Qellem Wallaggaa ona Sayyootti waraanni abbaa irree bilxiginnaa sakatta’insa WBO jechuun manneen jiraattotaa gandoota baadiyyaa keessatti qabeenya waliin ibiddaan gubanii barbadeessaa akkuma turan, amma ammoo qabeenya hawaasni ittiin nyaatee bulu bakkeewwan adda addaatti maqaa deggersa milishootaan saamaa jiraachuun dhagaa’ame.
Qabeenyi jiraattota aanaa Sayyoo ganda Yaamaa fi ganda Eeshoo jedhamutti waraana maafi’aa PP ganda Eeshoo keessa buufattee jirtuun saamamaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan.
Waxabajji 30, 2024 irraa eegalee waraanni gabroomfataa PP maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun bobbaa’an ganda Yaamaatti jiraattota waltajjii teessisuun abbaan warraa tokko maallaqa 1090 fi midhaan 5kg akka dhiyeessu yoo dirqisiifamu, afoosha tokkorraa ammoo qarshiin 10,000 akka fuudhamu ajajuun beekameera.
Maallaqni gaafatame kun Jimaata dhufu Adoolessa 5, 2024 akka kaffalamu yoo ajajan, ganda Eeshoo keessaa ammoo yeroo ammaa kanas kaffalaa akka jiran beekameera.
Taateen dinagdee namootaa saamuu akkanaa jiraattoota irratti murteeffamee jiru kun waggoota jahaaf walitti aansee qonnaan bultootaa fi daldaltoota dabalatee namoota hundaa irratti raawwatamuun hawaasni dararaa argaa jiraachuu jiraattonni dabaluun ONM’tti himaniiru.


