OMM-ABO Adooolessa 2, 2024
Sirni gabroomfataan PP duula duguuggaa sanyii labsuun addatti dargaggoota Oromoo lafarraa fixuuf bobba’ee kan jiru godina Baha Wallaggaa ona Waamaa Hagalootti dargaggoo tokko ajjeesuun ibsame.
Ona Waamaa Hagaloo magaalaa Mooxee jedhamutti guyyaa kaleessaa jechuun gaafa Adoolessa 1, 2024 dargaggoo maqaan isaa Taarikuu Tolasaa jedhamu badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf “milishoota keenya situ ajjeesse” jechuun bosonatti geessanii rasaasa itti roobsuun ajjeesuu jiraattonni magaalichaa eeran.
Onichatti murnoonni bilxiginnaa dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun hidhaatti guuraa, kanneen biroo ammoo bakka buutee dhabamsiisaa jiraachuus dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


