ONM-ABO Adoolessa 4, 2024
Dhibbentaa olaanaa uummanni godinaalee Harargee lameenii ittiin jiraatan, akkasumas jireenya isaanii geggeeffatan Jimaa irratti kan hundaa’e yoo ta’u, uummatuma Jimaa sana gurgurachuun jiraatan irratti saamichi daangaa hin qabne geggeeffamuun uummanni akka jiruu gadadoo jiraatu gochaa jiru jedhu maddeen keenya godinaalee kanneenii.
Akka maddeen kunneen jedhanitti hawaasni yeroo Jimaa gurguratee galu caasaaleen aanaa fi gandaa hawaasa keessa faca’uun maallaqa humnaa olii irraa guuraa jiru, kan hin qabne ammoo hidhaatti guuru jechuun ibsu.
Farreen saamichaa kunneen hawaasa baadiyyaa fidee magaalaatti gurguratu karaatti eeguun kaffaltii milishaa jechuun guyyaa gabaa irraa funaanaa akka jiranis dabaluun himaniiru.
Sababni uummanni qe’ee isaa irraa buqqa’uun gara biyya ambaatti osoo godaanaa jiruu bishaanii fi bineensaan nyaatamaa jiruuf inni jalqabaa saamicha kana dandamachuu dadhabuunis jechuun dubbata.
Uummanni godinaalee lameenii saamicha sirnichaa fi ergamtoota isaafuu jireenya dadhabuun haala yaaddessaa keessa jiru jechuun, sababuma inni qabu waliif arjoomuun beela jalaa wal baasaa jira malee silaa yoona uummatichi dhumeera jechuun dabaluun ibseera.



