OMM-ABO Adooolessa 2, 2024
Israa’el hoogganaa hospitaala guddicha Gaazaa kan ji’oota torbaa oliif hidhamee ture wiixata kaleessaa gadhiiste.
Gadhiifamuun isaa miidiyaa hawaasaa irratti Ministira Nageenya Biyyaalessaa Israa’el Itamar Ben Givir fi madda yaalaa naannoo Gaazaa keessa jiruun mirkanaa’eera.
Daarektarri Al-Shifaa Mohaammad Abuu Salmiyaa baatii Muddee keessa hidhamanii turan.
Salmiyaa fi hidhamtoonni bilisa bahan kaan Israa’el irraa gara Bahaatti Kihan Yuunis irraa gara Gaazaatti deebi’uu isaanii maddi yaalaa hospitaala Al-Aqsa Deyir El-Balah keessatti argamu beeksiseera.
Hidhamtoonni shan hospitaala Al-Aqsaatti kan seenan yoo ta’u, kanneen biroo ammoo gara hospitaalota Kihan Yuunisitti ergamaniiru jechuun maddi kun dabalee ibseera.
Israa’el Hamaas hospitaalota naannoo Gaazaa keessa jiran akka haguuggii hojii waraanaa fi bu’uuraalee misoomaatti fayyadama jechuun himatte.
Gareen hidhattootaa bara 2007 irraa eegalee naannoo kana geggeessaa ture kun himannaa kana ni haale.
Ji’a Caamsaa keessa gareewwan mirga Falasxiin ogeessi baqaqsanii hodhuu olaanaa Al-Shifaa tokko erga hidhamee booda mana hidhaa Israa’el keessatti du’uu ibsaniiru.
Waraanni Israa’el du’a kana quba akka hin qabne ibseera.
Haleellaan haaloo ba’uu Israa’el yoo xiqqaate namoota 37,877 kan ajjeese yoo ta’u, isaanis irra caalaan isaanii lammiilee nagaa ta’uu ragaan ministeera fayyaa Gaazaa Hamasiin geggeeffamu irraa argame ni mul’isa jechuun Arab news gabaaseera.




