OMM-ABO Adooolessa 2, 2024
Loltoonni finciltoota M23 torban darberraa eegalee naannoolee tarsiimoo haaraa qabachuu erga danda’anii booda naannoo Baha Rippabilika Diimokiraatawaa Koongoo keessatti lafa dabalataa argachuu itti fufaniiru.
Magaalaa Kaniyaabayoongao, naannoo murteessaa yeroo dhiyootti M23’n qabame keessatti namoonni naannichaa baay’een finciltootatti makamuu fi finciltoota M23 deggaruu filachuun mana isaanii irraa baqachuu dhiisanii qe’ee isaanii turuu filataniiru.
Jiraattonni kun mootummaan Feliiks Shisekedii kan dhimmoota rakkoo nageenya naannichaa furuuf taasisaa turerraa abdii kutataniiru.
Daa’imman, dubartoonni fi dhiironni qabeenya mana isaanii dugda ykn mataa isaanii irra kaa’anii mooraa namoota buqqaatotaa dhiisanii gara ganda isaaniitti deebi’uun to’annoo finciltoota M23 jala jiraachuuf murteessaniiru.
Erga Bitootessa yeroo lolli cimaan M23 fi Humnoota Waraanaa Koongoo gidduutti naannoo Kaniyaabayoongaa keessatti ka’ee kaasee, namoonni naannoo sanaa manaa fi lafa qonnaa isaanii dhiisanii manneen barnootaa keessa haala gaddisiisaa ta’een jiraachaa jiru.
M23’n tarkaanfii isaa itti fufuu fi waraanni Koongoos to’annoo isaa deebifachuuf lola geggeeffamu gidduutti uummatni naannichaa qe’ee isaaniitti deebi’uun finciltoota M23’tti makamuuf murteesseera jechuun miidiyaaleen Koongoo gabaasaa jiru.





