• Tue. Nov 24th, 2026

Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo keessatti tiksitoonni PP namoota 3 qabuun dhagaa’ame

Jul 6, 2024

ONM-ABO Adoolessa 3, 2024

Ilmaan Oromoo kuma dhibbootaan mana hidhaatti guuruun, ajjeessuun, biyyaa baasuun, mana irratti gubuun injifannoo kan itti fakkaatu bilxiginnaan ammas hammeenyummaa isaa daran dabaluun hawaasa nagaatti yaaddoo guddaa ta’ee jira.

Yeroo adda addaatti namoota ukkaamsuun dararuu, achi buutee dhabamsiisuu, hidhaarraa baasanii ajjeesanii gatuun sirna abbaa irree abdii kutatee waan qabee waan gadhisu wallaalee jiru kana biratti bartee ta’ee uummanni nagaan Oromiyaa cufa keessatti itti fufiinsaan ukkaamfamaa jiru.

Akkuma kanaanis gareen  shiftaa impaayera Itoophiyaa hojii shiftummaa fi uummata nagaa shororkeessuuf caasaa diriirfate, Waxabajjii 30, 2024 Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Bitoo Milkii Magaalaa Qarree Gohaa jedhamtu keessatti namoota sadii qabuun barame.

Tiksitoonni sirnichaa kan Koloneel Abiy Ahimed qofa aangoo irratti tiksuun jiraatan kunneen namoota maqaan isaanii Girmaa Simee, Shibbiruu Ayyalaa fi Amdee Abarraa jedhaman kan qabanii deeman ta’uu namoonni ijaan argan himu.

Namoonni qabaman kunneen badii dalaganiii otoo hin taane sirna Bilxiginnaa biratti uummanni Oromoo cufti akka yakkamtootaatti ilaalamuun sobaan yakkamaa waan oolaniif namoonni kunneenis mirgi isaanii sarbamuun badii malee akka qabaman maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply