• Wed. Nov 25th, 2026

Magaalaa Dirre Dhawaa keessatti shira dalagameen dukkaanoonni hedduun gubachuun beekame

Jul 6, 2024

ONM-ABO Adoolessa 3, 2024

Uummanni Oromoo kallatuma hundaan gochoonni impaayerittii kana keessatti irratti raawwatamaa jiru guyyaa irraa gara guyyaatti dabalaa kan jiru yoo ta’u, bakkeewwan adda addaattis Oromummaa isaanii qofaaf foo’amuun gidiraa hamtuu keessummeessaa jira.

Guyyaa kaleessaa kana jechuun Adooolessa 2, 2024 ganama irraa eegaluun Baha Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa iddoo Ashawaa  jedhamuun beekamutti bakka giddu gala gabaa ta’etti shira dalaguun hawaasa Oromoo achi keessa jiraatan irratti daba raawwatameen dukkaanotni  jalaa gubachuu jiraataan achirraa dubbisne tokko ONM’tti himeera.

Maal irraa ka’eeti gubachuu danda’e jennee jiraataa kana gaaffannus dukkaanonni gubate kun hundi harki caalu jechuun dhibbantaa %95 kan ilmaan Oromoo akka ta’e ibsuun, gocha itti yaadamee godhameedhas jedhe.

Kanaan duras addatti ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffamuun achi keessaa baasuuf sodaachisa adda addaa kanneen akka lafa kana irraa ka’uu qabdu, lafa irraa dhuftanitti deebi’uu qabdu jedhamuun doorsifni illee irratti geggeeffamaa akka tures dabaluun ibseera.

Qabeenyi miidhames kan qarshii miliyoona hedduutti tilmaamamu ta’uu fi waanti raawwatame kunis ta’e  jedhamee ilmaan Oromoo miidhuuf akka ta’e jiraataan kun ONM’tti himeera.

Gaaffii fi deebiin jiraataa bakkichaa waliin taasisne oduu kanaan booda kan isiniif dhihaatu ta’a.

Leave a Reply