ONM-ABO Adoolessa 4, 2024
Akkuma beekamu sirni impaayera Itoophiyaa qarree kufaatii irra ga’ee jiru bilxiginnaan, rakkoo dinagdee hamaa isa mudatee jiru dhokfachuuf jecha uummata nagaatti waraana bobbaasuun maqaa WBO jedhu itti maxxansuun saamaa jiraachuun beekamaadha.
Haaluma kanaan Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Xiilloo Nooraa jedhamtu keessatti waraanni koloneel Abiy Ahimed leenjisee bobbaase kanneen naamusa waraanaa hin qabne Adoolessa 2, 2024 qabeenya hawaasaa saamaa kan turan yoo ta’u, nama maqaan isaa Warqinaa Molaatuu jedhamu ilma keetu WBO keessa jira jechuun Saawwan afur (4) jalaa ooffatanii deemuun maatii isaa hiyyummaa maatiin eegaa hin turreef saaxilanii jiru.
Murni maqaa mootummaan aangoorra jiru kun milishootaa fi namoota hannaaf haala mijeessaniif ijaarrachuun saamaa kan jiran yoo ta’u, nama maqaan isaa Bashir Waggaa jedhamu qabachuun saamicha kana raawwachuu namoonni itti dhiyeenyaan waan kana keessa beekan ni dubbatu.
Akka jiraattonni maqaan isaanii eeramu hin feene tokko tokko jedhanitti sirnichi diigamee ijibbatarra akka jiru dubbachuun uummanni Oromoo bakka jirutti wal ta’ee xumura garbummaatti gochuu qabas jedhan.



