ONM-ABO Adoolessa 4, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Lixaa Bobbaa Irbuu Shinniggaan waraana faashistii PP irratti tarkaanfii fudhatu jabeessuun godina Baha Wallaggaa aanaa Galiilaa magaalaa Galiilaa keessatti haleellaa raawwachuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Tarkaanfii magaalaa aanichaa Galiilaatti har’a Adoolessa 4 ganama barii sa’a11:30 hanga galgala sa’a 1:30tti mooraa waraana ijoollee Biraanuu Juulaatti seenuun baaruda ulachiise rasaasaan hiddee watwaachisuun olii fi gadi fiigsee fudhateen du’aa fi madoon adabee jira.
Loltoota bilxiginnaa 30 battalumatti yoo ajjeesu 20 madoo ulfaataa taasisuun yeroo gabaasni qindaa’etti madoo isaanii yaallachaa fi kaan bakkee irra barbaadaa turuun barameera.
Lolli galgala dhiyaa waan addaan ba’ameef gabaasa dabalataa akkaataa adda baafanneen isiniin geenya.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii isaa itti fufuun guyyuma kana Adoolesssa 4 sa’a sagal booda Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Coqorsaa Bulchiinsa Magaalaa Fiigaa cinaatti haxxee itti hidhuun ajajaa farra riphee lolaa kan ofiin jettu maqaan isaa saajin Abdii jedhamu ajjeesuun loltoota 5 madeesseera.
Bobbaan_Irbuu_Shinniggaa itti fufa ❗
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
