ONM-ABO Adoolessa 4, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti Bobbaa Irbuu Shinniggaan fudhatu jabeessuun Kaaba Shaggar aanaa Dagam keessatti humna diinaa bobeessee jira.
Haaluma kanaan har’a ganama tarkaanfii waraana maafiyaa PP irratti aanaa Dagam magaalaa Alii Dooroo qarqaratti fudhateen loltoota diinaa irraa 9 ajjeesee 6 madeessee jira.
Kana malees tikoota bilxiginnaa konkolaataa waraana PPn deemaa turan 2 konkolaataa waliin dhuunfatee jira.
Bakki kun daandii cirracha gurraacha Finfinnee fi naannoo Amaaraa wal quunnamsisuu dha.
Murni bilxiginnaa WBO balleessineerra, akkasumas misooma irra jirra jechuun sobaan miidiyaa irraa ololus WBOn Finfinneetti dhiyoo magaalaa Caancoo fi Muka Xurii akkasumas daandii guddaa irratti konkolaataa dhaabsisee waraana faashistii PP biyyee nyaachisaa jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗



