ONM-ABO Waxabajjii 30, 2024
Koromiiwwan sabaa jajjabeen mataa daabee Waraanni Bilisummaa Oromoo zoonii Harsadee Birgeediin Caffee Tumaa Cibraan Erer Kormaa kaleessa Waxabajjii 29, 2024 humna waarana faashistii PP lola WBO’n Waxabajjii 28 irratti taasise haaloo ba’uuf aanaa Dugdaa fi Booraa irraa wal qindeessanii dhufan WBOn dursee daangaa aanaa Dugdaa fi Booraa gidduu bakka addaa Correetti haxxee itti hidhuun haleelee dacheetti ishee dabaleera.
Tarkaanfii WBO’n kaleessa toora sa’a 10:30 hanga 12:00tti ergamtoota Abiy Ahimed irratti fudhateen loltoota sirnichaa namoota 240 ta’anii bobba’an irraa 69 ajjeesuun 26 madoo cimaan adabeera.
Humna dabalataa wal qindeessuun reeffaa fi madoo ishee kaasuuf dhuftes tarkaanfii boombii fi rasaasaan fudhateen 14 irraa ajjeesee gariin madeessuun of duuba deebiseera.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii Bobbaa Irbuu Shinniggaan Zoonii Harsadee keessatti Jimaata irraa kaasee bifa haaraan waloon fudhachaa jiruun waraana Abiy Ahimed irratti kasaaraan namaa fi qabeenyaa qaqqabuun barameera.
Tarkaanfii WBOn fudhatu hanga Bilisummaa fi Walabummaatti itti fufa ❗
Injifannoon Uummata Oromoof❗
