ONM-ABO Adoolessa 7, 2024
Dhukkuba balaafamaa yeroo ammaa mootummaan abbaa irree koloneel Abiy Ahimed qoricha hawaasa irraa kutuun siyaasaaf itti gargaaramaa jiru, guutuu Oromiyaatti babaldhachuun namoonni hedduun guyyaa guyyaan lubbuun isaanii darbaa oola.
Tajaajilli talaallii dhukkuba busaa Oromoo irratti adeemaa jiruuf gatii salphaan bitamuu fi bal’inaan oomishamuu akkasumas gargaarsi ala irraa galuu osoo danda’uu hanqina dhiyeessii sirni cubbuun bilxiginnaa gochaa jiruun lubbuun lammiilee akka baalaatti harca’aa akka jiru jiraattonni ONM’tti himan.
Dhukkubni busaa irra caalmaatti daa’imman ajjeesuu fi maanguddoota irraan dhiibbaa cimaa kan ga’u yoo ta’u, yeroo ammaa kanas godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Cittuu Qarkaa keessaa namoonni hedduun du’aa akka jiranis jiraattonni dubbatu.
Waraanni faashistii PP ajaja badii fudhatee socho’us manneen yaalaa baadiyyaa Oromiyaa keessa jiru sababa Waraana Bilisummaa Oromootu irraa tajaajilama jedhuun cufsiisaa jiruun namoonni lubbuun darban hedduu ta’us caasaan bilxiginnaa aanichaa rakkoo kanaaf furmaata ta’aa akka hin jirre ibsaniiru.
Kanumaan kan wal-qabatus buufanni fayyaa aanaa Daaboo Haannaa ganda Cittuu Qarkaa Roobii darbe irraa kaasee waraana faashistii PP’n erga cufamee namoonni du’aa fi weerarri dhukkuba kanaas babal’achaa jiraachuu jiraattotni itti dabaluun ibsaniiru.


