• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Gujii Lixaa aanaa Dugdaa Daawwaa keessatti tiksitoonni PP nama tokko haala suukkannessaan ajjeessan

Jul 7, 2024

ONM-ABO Adoolessa 6, 2024

Sirni bilxiginnaa soba irratti hundee isaa gad dhaabbate ilmaan Oromoo jumlaan ajjeesaa akka jiru otuu ragaan isaa guutuun falmitoota mirga namoomaa fi miidhamtoota adda addaa harka jiruu guyyaa adii Paarlaamaa isaa fi uummata impaayeerattii akkasumas addunyaa sobuu itti fufee jira.

Murni bilxiginnaa akkuma barate ilmaan Oromoo gara laafina tokko malee haala suukkanneessaa ta’een ajjeechaa raawwachuu itti fufuun Oromiyaa cufa gooluu itti fufee jira.

Akkuma kanaanis Godina Gujii Lixaa aanaa Dugda Daawwaa ganda Biyyoo Qundhii iddoo addaa Qaallicha Bakaa jedhamtutti Adoolessa 4, 2024 waraanni goolessaa bilxiginnaa nama tokko sobaan yakkaanii WBO bulchitan jechuun waraanni nama nyaataan kun bifa suukkanneessaan ajjeese.

Namni kun maqaan isaa Sataanaa Deguu Soraa kan jedhamu yoo ta’u, innis kan ajjeefameef balleessaa tokkollee qabaatee otoo hin taane Oromummaa isaa qofaaf gocha sobaa itti maxxansuun rasaasa 6 itti dhukaasanii haala suukkanneessaa ta’een ajjeefamuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Haasaa qaanessaa ta’e hawaasa mana maree bakka bu’oota uummataa irratti taasiseen otuu uummata nagaa fixuu fi diinagdeen impaayeerattii gaaga’ama guddoo keessa jiruu guddinni biyyaa erga aangootti dhufnee baay’ee dabalee jira jechuun soba irra buta hin qabne sobaa ture.

Garuu erga gara aangootti dhufee waggaa 6 keessatti uummata nagaa miliyoonaan ajjeesee, kuma dhibbootaan hidhee, saamee kanneen biroo jalaa ammoo manneen gubuun gocha suukkanneessaa kan hojjechaa jiru garee maafiyaa PP ta’uu hojiin isaanii ragaa ba’a.

Leave a Reply