• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa keessatti maatii qabsaa’otaa irratti hidhaan hammaachuu fi uummata walgahii baasuun WBO waliin balleessina, yoo diddan isinuma fixna jechuun doorsisa raawwachuun dhagaa’ame

Jul 7, 2024

ONM-ABO Adoolessa 7, 2024

Lola falma bilisummaatti xumura gochuuf gaggeessaa jiruun, tarkaanfii guggubduu diinaa fi lukkeelee diinaa irratti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo fudhachaa jirutti kan mufatan ergamtootni murna gabroomfataa PP, Waraana dirreerraa isaan lolu dheessuun miira haaloo ba’annaatiin hawaasa nagaatti fuula  deeffatanii maqaa maatii qabsaa’otaa fi deeggartoota WBO’ti jedhuun haadhaa fi abbaa gaafatama ilmaan isaanii itti deebisuun qabeenya diinaa maqaa jedhuunis saamicha geggeessaa, ajjeesaa, hidhaa fi qe’ee irraa godaansisaa jira. 

Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa ganda Ajoo keessaa Waxabajjii 28 fi 29, hidhattootni sirnichaa  uummata nagaa gooluuf gandichatti bobbaafaman dhukaasa qe’ee hawaasaa keessatti bananiin nama tokko yoo madeessan, namoota hedduu irratti reebicha ulfaataa raawwachuun hidhaniiru. 

Namoota ganda Ajoo irraa reebichi cimaan irra ga’ee hidhaman kana keessaa muraasni kan maqaa arganne Hasan Alii, Ahimed Awwalee,  Aliyyii Ahimed, Haloo Ibraahim haadha ilmaanii kan taate daa’ima harmaa waliin yoo hidhan, Nuuraa Ahimed Zeenuu kan jedhamu kan Waxabajjii 28,2024 gabaafame itti dhukaasanii miilla isaa irra  madeessuun gaafa maatiin isaa hospitaala magaalaa Kamisee geessan hidhattootni sirnichaa osoo inni yaala hin argatin hospitaalichaa baasuun mana  hidhaatti galchanii dararaa agarsiisaa jiraachuu namni maqaan isaa akka tuqamu hin feene tokko ganda Ajoo irraa ONM ‘tti himeera.

Namoonni hidhattoota maafi’aa PP’n reebichi hamaan irratti raawwachuun hidhaman kun badii qabaatanii osoo hin taane, sababa Waraanni Bilisummaa Oromoo Waxabajjii 28, 2024  loltoota murna bilxiginnaa mooraa Makaabeetti itti seenuun haleelee du’aa fi madoon adabeef jecha maqaa ilmaan keessan miseensa WBO ta’uun nu fixaa jiru jedhuun akka ta’e dabaluun addeesseera.

Kana malees uummata walgahii baasuun waliin taanee WBO balleessuu qabna, namni nu waliin bahuu dide ammoo ni ajjeefama jechuun doorsisaa turuus jiraattotni dabaluun ibsaniiru.

Godinicha keessatti rakkoon nageenyaa hammaachuun bulchaan godina Walloo Obbo Ahimed Alii magaalaa Kamisee keessatti Kibxata darbe kan ajjeefaman yoo ta’u, Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa irra deddeebiin waldhibdeen caasaa bilxiginnaa godina Walloo gidduu jiraachuu gabaasaa turuun ni yaadatama.

Leave a Reply