ONM-ABO Adoolessa 6, 2024
Murni sabaa fi sablammoota walitti buusuun beekamu bilxiginnaan, bu’aa siyaasa isaa irraa argachuuf bakkoota adda addaa deemee ilmaan Oromoo irratti shira xaxuun hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo fi Shiftoota Affaariin lubbuun ilmaan Oromoo godina Wallootti akka darbuu fi qabeenyaan isaanii barbadaa’u taasisaa jira.
Uummanni Oromoo Walloo erga waggoottan 6’n koloneel Abiy Ahimed warraaqsa uummtaa butuun dhiiga balleessee gara aangoo impaayerattiitti dhufee kaasee guyyaa guyyaan ajjeechaa suukkanneessaa, hidhaa jumlaa, buqqaatii fi saamicha qabeenyaa waraana isaan uummaticha irratti raawwatuun cinaatti hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo PP’n tumsamanii fi shiftoota Affaar daangaa ce’anii dhufaniin lubbuun Oromoota hedduu haala gaddisiisaan darbaa fi qabeenyaan isaanii manca’aa jiraachuun ni beekama.
Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee ganda Fallaanaa Araddaa Luggee keessatti Adoolessa 2, 2024 dargaggoo maqaan isaa Ahimed Hidduwwaa jedhamu loltootni Affaar bakka inni loon tiksaa jiru riphanii itti dhaquun rasaasaan rukutanii erga ajjeesanii booda waan inni harkaa qabu meeshaa fi bilbiloota irraa fudhatanii deeman jedhu maddeen keenya.
Akka jiraataan aanaa Baatee ONM dubbise tokko jedhutti hidhattootni Affaar kun riphanii irra deddeebiin qe’ee hawaasaatti ba’uun dhukaasa bananiin ajjeechaa fi saamicha qabeenyaa raawwachaa jiru kan jedhu namni kun, yeroo shiftoonni Affaar kun uummata kana irratti gochoota suukkanneessaa raawwatan silaa qaamni impaayerattii bulchu furmaata itti laata ture, garuu murni bilxiginnaa naannoo Affaar fi Amaaraa deemuun akka isaan ilmaan Oromoo ajjeesanii qe’ee irraa buqqisanii fi saamanii hiyyummaatti hambisaniif kan hojjechaa jiru ta’uu dabaluun dubbata.



