ONM-ABO Adooolessa 8, 2024
Godina Arsii Bahaa aanaa Asakoo gandoota garaagaraa keessatti sirni abbaa irree biyya bulchina ofiin jedhu uummata nagaan jireenya hawaasummaa isaa geggeefatee jiraatu badii tokko malee manneen isaanii jalaa gubuu fi saamicha daangaa hin qabne irratti raawwachuu jiraattotni ONM’tti himan.
Guyyaa dheengaddaa jechuun Adooolessa 6, 2024 ganda Biyyoo iddoo addaa Koraa jedhamu keessatti manneen namoota hedduu gubuun, saamichas raawwatan.
Maqaan namoota manni jalaa gubatee kunneenis;-
- Adam Tufaa
- Adam Boruu
- Abdallaa Gadaa
- Abbush Boruu
- Gannaa Gadaa
- Basoo Boruu
- Guutamaa Abbushuu
- Boruu Badhaasoo
- Siraajii Amaanoo
- Mahaammad Wariyoo
- Aliyyii Utaa
- Adam Jiloo
- Qaasim Hajii
- Hajii Utaa ta’uun barameera.
Kana malees aanuma Asakoo ganda Dirree Odaa iddoo addaa Kaakuraa jedhamutti manneen hawaasa nagaa gubuu fi re’oota hawaasaa jalaa qalachuun hawaasni baqatee jireenyaan dararamaa jira.
Namoonni gandicha keessatti qabeenyaa isaanii dhabanis
1. Sulxaan Tunee
2. Nuraddiin Huseen
3. Tunnee Badhaasoo
4. Kamaaloo kadiir
5. Hajii Tukuyyuu
6. Ahimed Muhaammad
7. Badhaasoo Tufaa
8. Huseen Gadaa
9. Hajii Waaqoo
10. Gabii Galatoo
11. Bulbuloo Maammoo
Namoota kanneen manneenii fi meeshaalee mana keessatti itti fayyadaman hunda jalaa gubuu fi guurrachuun, Huseen Elemoo jalaa re’oota 7, Hajii Waaqoo jalaa re’oota 4 Jalaa qalachuun nyaataniiru jechuun ONM’tti himaniiru.



