ONM- ABO Adooolessa 9, 2024
Namoota nagaa gidirsuun furtuu siyaasa impaayerattii keessatti deemaniif fala ta’a jechuun tooftaa dulloomaa fi fala hin qabne fayyadamuun hidhattootni fi dabballoonni isaanii yeroo ammaa hidhaa irratti xiyyeeffachuun namoota hedduu qabanii mana hiraarsaatti gidirsaa jiru.
Caasaan bilxiginnaa maqaa deggeraa WBO’ti jedhuun badii tokko malee gara jabina hammaataa ta’e uummata Oromoo irratti raawwachaa kan jiran yommuu ta’u, godina Arsii Lixaa aanaa Siraarootti jiraattota hidhuu fi saamuu hammeessanii jiraachuun ibsameera.
Aanicha magaalaa Lukkee ganda 01 irraa namoota maqaan isaanii Tusuu Guddee fi Gammadii Oogatoo jedhaman badii tokko malee “obboleeyyan keessantu WBO keessa jira” jechuun torban 2 dura qabeenya isaanii jalaa saamanii reebicha hamaa irraan gahuun hidhanii dararaa jiraachuu fi onichatti ergamtoonni sirnichaa jiraattota irratti yakkoota garaa garaa raawwachaa jiraachuu jiraattonni onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.



