ONM-ABO Adoolessa 9, 2024
Ergamtootni sirnichaa uummata Oromoo dararuuf godinaalee Oromiyaa adda addaa irratti ajaja koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaatti garmalee jiraattota saamaa fi dararaa jiraachuun ibsame.
Onichatti dararaa adda addaa uummata irratti geggeessaa kan jiran murnoonni bilxiginnaa Adoolessa 3, 2024 ganda Fodooddoo jedhamu irraa namoota maqaan isaanii:
- Dassee Addisuu,
- Shorroo Daggafaa,
- Ximqataa Tasfaa,
- Ijjiguu Biraanuu fi
- Waaqtolaa Dhaabaa kanneen jedhaman “deggertoota WBO’ti” jechuun badii tokko malee hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattonni gandichaa himan.
Kana malees, waraanni Raayyaa Ittisa Impaayerattii jedhaman onichatti buufamuun garmalee hawaasa nagaa irratti tarkaanfii reebichaa, saamichaa, hidhaa fi k.k.f raawwachaa jiraachuus dabaluun ibsaniiru.


